Chiiliin walitti dhufeenya dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu dameelee waliigaltee adda addaan cimsuu barbaaddi.

92

Caamsaa 23/2014(TOI) - Chiiliin walitti dhufeenya dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu dameelee waliigaltee adda addaan cimsuuf akka hojjetuu Itoophiyatti ambaasaaddar Chiilii Farnaandoo Salaakeet himan.

Ambaasaaddar Farnaandoo Salakeet turtii TOI waliin taasisanii akka himanitti,Chiiliifi Itoophiyaan walitti dhufeenya dippilomaasii cimaa ta'e qabu.

Biyyoonni lamaan yeroo ammaa damee misoomaa hawaasumaafi misoomaa kanneen akka bulchiinsa uummtaa, Barnoota,Saayinsiifi kanneen biroon qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Biyyi isaanii Chiiliin walitti dhufeenya dippilomaasii kana damee hundaan cimsuu kan barbaaddu ta'uu himaniiru.Walitti dhufeenya daldalafi investimantii biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf hojjetamaa kan jiru ta'uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015