Kubbaaniyaan Kokaa kollaa warshaa magaalaa Sabbataa ijaare eebbisiise.

149

Caamsaa 23/2014(TOI) - Kubbaaniyaan Kokaa kollaa warshaa magaalaa Sabbataatti ijaare eebbisiseeWarshitti bakka Ministirri Indastirii obbo Malaakuu Allebal, Pirezidantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni kubbaniyichaa argamanitti eebbifame.

Kubbaaniyaan kun Itoophiyaatti waggoota 60 hojii investimantii hojjechaa kan jiru yoo ta'u, lammilee kuma 30 ta'aniif kallattiifi al kallattiin carraa hojii umeefii jiraachuun himameera.

Warshaan Kokaa Kollaa damee Sabbataa kun warshichaaf isa 5ffaa ta'uusaa ragaan Waajjira Pireezidaantirraa arganne ni mul'isa.Eebba kanarratti kan argaman Ministirri Indastirii obbo Malaakuu Alebal kubbaniyaan kun waggoota 62 damee indastiriin Itoophiyaa keessaatti gahee guddaa bahateera.

Dubartoota deeggaruufi manneen barnoota ijaarsisuunis dirqama hawaasummaa isaas bahaa jiraachuu himaniiru.Mootummaan rakkoowwan damee Indastirirra jiran furuun damichaa guddisuuf hojii baay'ee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa naannichatti hojii xiyyeeffannoon damee indastiriin hojjetameen bu'aan gaariin argamaa jira jedhaniiru.

Kubbaaniyaan kunis hojiiwwan dirqama hawaasummaa hedduus hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Daarekatarri olaanaa Kubbaaniyaa Kokaa Kollaa Itoophiyaa Dareel Wilsaan kubbaaniyichii waggoota shanaan daraban doolaara miiliyoona 300 ramaduun hojii babal'isuu adda addaa hojjeteera.

Pirojeektiin har'a eebbifame kunis qaama kanaa keessaa tokko ta'uu himaniiru.Warshaan Kokaa Kollaa magaalaa Sabbataatti har'a eebbifame kun deeme shanaffaa ta'uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015