Baasiin Industirii Konistiraakshinii Dhibbantaa 70 Kan Ba’u Wayita Pirojektiif Qophiin Taasifamu Akka Ta’e Ibsame

63

Finfinnee Ebla  8/2011 Industirii konistiraakshinii Itiyoophiyaatti maallaqni dhibbantaa 70 ta’u kan qisaasamu boqonnaa qophii pirojektootaarratti akka ta’e inistiitiyuutiin maanajimantii pirojektii konistiraakshinii Itiyoophiyaa ibse.

Itiyoophiyaan waggoota 10 darbanitti qofa pirojektoota mootummaa gurguddoo ijaarsarra turaniif birrii miiliyoona 43 ol baasii dabalataa baasuushee ragaaleen ni agarsiisu.

Harkifannaan sirna bittaa, diizaayiniin yeroo yerootti jijjiiiramuunsaa, qabannaa fi hordoffiin pirojektootaa dadhabaa ta’uunsaa, malaammaltummaa fi hojmaanni badaa, gorsitoonni, kontiraaktaroonnii fi galtee kan dhiheessan hojmaata qindaa’aa hordofuu dhiisuunsaanii damee kanaaf qormaata ta’aniiru.

Daayiraktarri olaanaa inistiitiyuutii maanaajimantii pirojektii konistiraakshinii Itiyoophiyaa Injiinar Asmaroom Taaddasaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti, qisaasa gama industirii konostiraakshiniin keessaa harki 70 boqonnaa qophii pirojektootaa irratti akka ta’e dha.

Damee industirii konistiraakshinii Itiyoophiyaatti baasiin dabalataa, yeroo karoorfamee ol fudhachuun fi hanqinni qulqullinaa har’as kan jiran rakkoolee guddina keenya duubatti harkisan ta’uunsaanii ibsameera.

Inistiityuutichi baankii addunyaa waliin gatii kontiraataa olaanaa kan qaban pirojektoota mootummaa federaalaa 52 irratti qorannoo taasifameen baasiin maallaqaa fi yeroo kan mudatu wayita pirojektiif qophiin taasifamu ta’uu bira geenyeerra jedhaniiru.

Qorannichi pirojektoota bishaanii 10, darbii 10 akkasumas kan daandii 32 kan of keessatti qabate ta’uu kan ibsan  Injiinar Asmaroom, gatiinsaanii kan walii galaa birrii biiliyoona 37 ol kan qaban akka ta’es eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015