'Itiyoophiyaan bu’a qabeessummaa Atleetiksii guddisuuf goosota dorgommii ittiin hirmaatu bal’isuu qabdi.’

106

Caamsaa 22/20149TOI) - Atleet Hayilee Gabresilaasee waliin dorgomaa cimaa kan ture Atleetin Keeniyaa Pool Teergaat, sirna baniinsa Taphoota Olompikii Dargaggoota Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif magaalaa Hawaasaatti qophaa’e irratti argameera.

Atleet Pool Teergaat Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin gaaffii fi deebii taasiseen, Itoophiyaa fi Keeniyaan fiigicha fageenya dheeraatiin biyyoota maqaa gaarii qaban keessaa sadarkaa duraa irratti argamu jedhe.

Fageenya dheeraa qofaarratti osoo hin murtaa’in fageenyota biroo fi atleetiksii dirree irratti hirmaachuun bu’a qabeessa ta’uuf hojjechuu qabus jedheera.

Keeniyaan hirmaannaa fiigicha meetira dheeraa irratti qabdu guddisuuf fageenya meetira gabaabaa fi jiddugaleessaa dabalatee, hojiilee dirree irratti bal’inaan hojjechaa jiraachuushee himeera.

Atleetiksiin Federeeshinii Itoophiyaas, goosota dorgommii gara garaatiin filannoowwan ispoorteessitoota bal’inaan horachuuf isa dandeessissu irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015