Itiyoophiyaa Fi Kooriyaan Kibbaa Walii Galtee Liqaa Salphaa Yeroo Dheeraaf Turuu Danda'u Doolaara Miiliyoona 300 Walii Mallatteessan

118

Finfinnee Ebla 09/2011 Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa walii galtee liqaa salphaa yeroo dheeraaf turuu danda'u Doolaara miiliyoona 300 walii mallatteessan.  

Walii galteen biyyoota laman gidduutti taasifame kun pirojaktoota dursa kennamanii hojjatamaniif kan oolu yoo ta'u, dhala salphaan waggaa dheerraatti kan deebi'u dha jedhame.  

Walii galtichi waggaa lama keessatti hojii irra kan oolu yoo ta'u, akka lakkoofsa warra Awuroophaa bara 2019 fi 2020 ni ta'a jedhame.   

Liqichis Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti wiirtuu qorannoo 5 hundeessuu fi ijaarsa sarara atobisa ariitii Finfinneedhaaf dursaa kan laatudha jedhame.     

Walii galtichas de’eettaan ministira  Ministeera Maallaqaa obbo Admaasuu Nabbabaa fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri guutuu Kooriyaa Kibbaa Liim Hoon Miin mallatteessaniiru.   

Akka lakkofsa warra Awuroophaatti baa 2015 tti pirezidaantiin duraanii Kooriyaa kibbaa Geeyuun Haay Paarkii yeroo Itiyoophiyaa daawwatanitti biyyoonni lamaan liqii birrii miiliyoona 500 ol mallatteessuun isaanii kan yaadatamu dha.

Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa walitti dhufeenya misooma gaarii biyyoota qabani dha.

Walii galtee liqaa salphaa yeroo dheeraaf turuu danda'u Doolaara miiliyoona 300 walii mallatteessaniiru.  

Bara 1950tti waraana Kooriyaa laman gdduutti taasifame irratti Itiyoophiyaan loltoota gargaarsaaf erguun ishee kan yaadatamu dha.

Waraana sana irrattis Itiyoophiyaan loltoota kuma 3 fi 500 kan ergite yoo ta'u, 650 kan ta'an lubbuun isaanii darbuun seenaan kan yaaddatu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015