"Nageenyaafi tasgabbii naannawaa keenyaa eeguun jijjirama eegalame cimsine itti fufsisna"

99

Caamsaa 21/2014(TOI) - Nageenyaafi tasgabbii naannawaa keenyaa eeguun jijjirama eegalame cimsine itti fufsisna jedhan miseensoonnifi hoggantoonni Liigii Dubartootaa Magaalaa Dirree Dawaa.

Yaa’iin Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Dirree Dawaa mata duree “Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa badhaadhinaa hundagaleessaaf” jedhun ta’aamaa jira.

Hirmaattoonni yaa’ii kanas jijjirama dhufe hordofuun hirmaannaafi fayyadamummaan dubartootaa dagaagaa jira jedhan.

Keessattu lakkoofsi sadarkaalee taayitaa bulchiinsaa baadiyyaafi magaalaa madaalawaa dhufu isaan gaaffiin misooma bu’uuraa dubartootaafi bulchiinsa gaarii sirnaan akka deebi’u deeggareera jedhame.

Jijjirama cimsuun, nageenya naannawaa eeguun adeemsa badhaadhinaa eegalame galmaan gahuuf kutannoon kan hojjetan ta’uu himaniru.

Yaa’ii kanarratti Af-Yaa’ii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Aaddee Faatiyaa Adan dabalatee bakka bu’oota Liigii Dubartoota Federaalaa Aaddee Buzeenaa Alqaadir, Itti Gaafatama Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yusuuf akkasumas hoggansi hedduun hirmaataniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015