Konfireensiin nageenyaa magaalaa Roobeetti geggeeffama jira.

90

Caamsaa 20/2014(TOI) - Konfireensiin nageenyaa Ministeerri Nageenyaafi Yuunivarsiitiin madda Walaabuu waliin ta'uun mata duree ''Carraa fi qormaatawwaan Marii biyyaalessaa'' jedhuun Godina Baalee magaalaa Roobeetti geggeeffama jira.

Konfireensii kanarratti gahee qabeenya hawaasaa duudhaalee nageenyaafi ijaarsaa biyyaa cimsuu keessatti itti fayyadamuu akkasuma marii biyyaalessaaf galtee akkaata ta'uu danda'an irrattiis ni mari'atama jedhameera.

Konfireensii kanarratti Deetaan ministira Nageenyaa obbo Taayyee Danda'aa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannoo, hayyoonni Yuunivarsiitiifi keessummoonni affeeraman irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015