Ji'a Hagayyaa hanga jalqaba Caamsaatti deeggarsi namoomaa gara meetiriktoonii kuma 72 ol gara naannoo Tigiraayitti ergameera.

70

Caamsaa 19/2014(TOI) - Bara bajataa kana Ji'a Hagayyaa hanga jalqaba Caamsaatti deeggarsi namoomaa midhaan nyaataafi meeshaaleen biroo gara meetiriktoonii kuma 72 ol gara naannoo Tigiraayitti ergamuu Komishiiniin ittisa sodaa balaa beeksise.

Gargaarsi namoomaa gara Tigiraay geeffamu osoo hin danqamiin akka deemuuf hojii jalqabe cimsee itti fufuus Komishiinichi beeksiseera.

Daarektarri dubbi himaa komishiinichaa obbo Dabbabaa Zawudee akka himanitti, mootummaan dhaabbilee deeggartootaafi kanneen biroo waliin ta'uun deeggarsi namooma gara naannichaa galu osoo hin danqamiin akka qaqqabu taasisaa jira.

Haluma kanaan midhaan nyaataafi bu'uraalee biroo kanneen akka Boba'aafi Qorichaa dabalatee gara Tigiraayitti imaalchifamuu himaniiru.

Bara bajata 2014 jalqaba baatii Hagayyaa irraa jalqabee hanga jalqaba baatii Caamsaatti deeggarsi namoomaa midhaan nyaataafi kanneen biroo meetirikitooniin kuma 72 fi 485 gara Tigiraayitti ergameera.

Kana keessaas midhaan nyaataafi nyaata madaalawaa da'immaanii meetirikitoonii kuma 61 fi 442 karaa Affaar gara naannichaatti imaalchifamuu himaniiru.

Deeggarsi namoomaa meetirikitoonii kuma 11 fi 043 immoo bishaan, Meeshalee qulqullina ittiin eeggatan ta'uu himaniiru.

Deeggarsi baatii jedhame kanatti naannichaaf dhihaate kana balalii xayyaaraa 223 fi konkolaataa fe'umsaa 1947 kan imaalchifamedhas jedhameera.

Deeggarsi kun akka qaqqabuufis dhaabbileen deeggarsa namoomaarratti hojjetan 93 hirmaataniiru jedhaniiru.

Komishiinichi deeggarsi namoomaa kun osoo hin gifatiin dhaabbilee deeggarsa kana waliin ta'uun naannicha akka qaqqabu taasisaa jiraachiis himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015