Dhaabbileen Barnoota Olaanoo qorannoo fi kalaqa teeknoloojiitiif xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu jedhame.

104

Camsaa 17/2014(TOI) - Imaammata Dinagdee biyya keessaa cimsuuf dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi kalaqa teeknoloojiin tumsuu akka qaban Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoloojii beeksiseera.

Yaa’iin qorannoo biyyaalessaa 30ffaan mata duree ''qorannoon tajaajila hawaasaa fi kalaqa teeknoloojii deebisanii dhaabuu’' jedhuun Yuunivarsiitii Gondaritti taa’amaa jira.

Ministirri Innooveeshinii fi Teeknoloojii Dr. Ballaxaa Mollaa yaa’iicha haasawaan wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, dhiibbaa dinagdee Addunyaa dandamachuuf imaammataa fi tarsiimoo dinagdee qorannoo fi qo'annoon deeggarame qabaachuun barbaachiisaadha.

Ministeerri isaaniis imaammatootaa fi tarsiimoowwan ce’umsa teeknoloojii biyyattii fi hojiilee kalaqaa cimsuuf gargaaran bocuun qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Biyyattiin dinagdee dijitaalaa idil Addunyaa keessatti dorgomaa akka taatuuf dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi ce’umsa teeknoloojiin gahee irraa eeggamu bahuu akka qaban dhaamaniiru.

Itti aanaan Pireezidaantiin Akkaadamii Yuunivarsiitii Gondar Dr. Kaasahun Taganyi gama isaaniitiin, guddinaa fi badhaadhina biyyaa milkeessuuf qorannoowwan rakkoo furan irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jirra jedhaniiru.

Yaa’icharrattis hogganttoota olaanoo federaalaa fi naannichaa dabalatee, hoggantoonni yuunivarsiitichaa, qorattonni, barsiisonnii fi barattoonni hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015