Baankiin Daldala Itoophiyaa bittaa xaa'oo biyyoof birrii biiliyoona 50 baasii gochuu beeksise.

92

Caamsaa 17/2014(TOI) - Baankiin Daldala Itoophiyaa bara oomishaa 2014/15'f kan oolu bittaa xaa'oo biyyoof birrii biiliyoona 50 baasii gochuu beeksise.

Mootummaan damee qonnaan oomishaafi oomishummaan akka dabaluuf karoora bali'aa qabatee hojjechaa jira.

Karoora kanas galmaan gahuuf xaa'oo biyyoo dabalatee galteewwan qonnaa dhiheessuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Keessaayyuu dhiheessii xaa'oo biyyoo sadarkaa addunyaatti sababa Ji'oo - polotikaan rakkoo uumaa jiru furuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jirachuu mootummaan beeksiseera.

Pireezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Obboo Abbee Saanoo turtii TOI waliin taasisaniin baankiichi sababa hanqina dhiheessii xaa'oo biyyoon karoorri mootummaan damee qonnaarratti baafatee hojjechaa jiru akka hin gufanneef hojii guddaa hojjechaa jira.

Sababa biyyoonni xaa'oo biyyoo baay'inaan oomishanii gabaa addunyaaf dhiheessaan Yuukireeniifi Ruusiyaan waraanaa keessaa jiraniin gatiin xaa'oo biyyoo baay'ee dabaluu himaniiru.

Biyyoonni biroon xaa'oo oomishaanis sababa waraanaan xaa'oo biyyoo gabaatti dhiheesuuf rakkaachuu himaniiru.

Haaluma kanaan xaa'oon biyyoo tooniin tokkoo waraanichaan dura doolaara 700 gurguramaa ture waraanichi erga eegalee dachaan ol dabaleera jedhaniiru.

Gatiin xaa'oo biyyoo yeroo ammaa jiru kan bara darbeen yoo madaalamuu harka afuriin ol kan dabalee ta'uus himaniiru.

Baankiin daldala Itoophiyaa waantoota maallaqa guddaa baasii itti taasisu keessaa dameen qonnaan tokko yoo ta'u, keessaayyu bittaa xaa'oo biyyoof baasii guddaa akka taasisuu himaniiru.

Ta'us garuu biyyoonni xaa'oo biyyoo oomishaan akka kanaan duraa xaa'oo liqaadhaan gurguruu waan didaniif qormaata hedduu ta'eera jedhaniiru.

Liqaan xaa'oo bara darbee kanfalamaa osoo jiruu gatiin xaa'oo biyyoo kun baay'ee dabaluun rakkoo kana caalaatti walxaxaa taasisuus himaniiru.

Gaatiin xaa'oo baay'ee kan dabale ta'us kana waanni dursu waan hin jirreef maallaqinni damee biraaf ramadamee illee osoo hin hafiin gara damee qonnaatti akka darbu taasifameera jedhaniiru.

Haaluma kanaan bittaa xaa'oo biyyoof birriin biiliyoona 50 ta'u baasii ta'uu himaniiru.

Tattaaffii cimaafii hirmaannaa qaama hedduun xaa'oon biyyoo bitamees gara biyyaa akka galuu taasifamuu himuun kana keessaatti gaheen Baankiin biyyaaleessa guddaa ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015