Barsiistoonni dhaloota duudhaa sirriin leenji'e horachuun ijaarsa nagaa waaraa fiduu keessaatti gahee olaanaa qabu jedhame.

81

Caamsaa 17/2014(TOI) - Barsiistoonni dhaloota duudhaa sirriin leenji'e horachuun ijaarsa nagaa waaraa fiduu keessaatti gahee olaanaa qabu jedhame.

Ministeerri Nageenyaa Waldaa Barsiisotaa Itoophiyaa waliin ta’uun waltajjii marii mata duree ‘’Ijaarsa Nageenya waaraa Biyyaleessaaf gahee hawaasaa’’ jedhu gaggeessaa jira.

Waltajjicha irratti bakka bu’oonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Waajjira Ministeera Muummee, Hooggantoonni Biiroo Barnoota Naannoolee, bakka bu’oonni Dhaabbiilee damicha irratti hirmaatanifi barsiisonni argamaniiru.

Waltajjicha irratti ergaa kan dabarsan Deetaan Ministira Nageenyaa obbo Taayyee Danda’aa, adeemsi nageenyaafi ijaarsi biyyaa kan dhugoomu ejjennoo hawaasa leenji’een ta’uu himuun, kana keessaatti barsiisonni gahee olaanaa akka qaban himaniiru.

Sababawwaan rakkoowwaan biyyaatti iddoo adda addaatti mudatanii keessaa tokko damee barnootaa irratti akka barbaadamutti hojjechuu dhabuurraa kan maddee ta'uu kan himan obbo Taayyeen, Manneen barnootaatti lammii dhaloota duudhaa gaarii hordofuu horachuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Kana milkeessuu keessaattis Barsiistoonni gahee olaanaa akka qaban himuun qaamooleen dhimmi ilaaluufi Waldaan Barsiisoota Itoophiyaa xiyyeeffaannoo irratti hojjechuu akka qaban obbo Taayyeen himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015