Magaalaa Geedootti Zayitiin Nyaataa Seeraan Ala Argame Liitiroon Kuma 5 Fi 480 Qabame

62

Ambo Ebla 8/2011 Godina Shawaa lixaa Aanaa Calliyaa magaalaa Geedootti karaa seeraan alaa fe'amee osoo deemuu kan qabame Zayitiin nyaataa liitiroon kuma 5 fi 480 qabamuusaa poolisiin ibse.

Zayitiin kun Finfinneerraa gara Baakkoo deemaa kan ture  konkolaataan fe'isaa Ayisuuzuu lakkoofsa gabatee koodii 3-35201 A.A kan qabame aanichatti magaalaa Geedoo ganda 2 naannawa sakatta'iinsa keellaatti har'a naannawa sa'aatii 5tti dha.

Ajajaan poolisii aanichaa Inispeektar Dhugaasaa Asaffaa tajaajila oduu Itiyoophiyaatiif akka ibsanitti zayitiin nyaataa konkolaataa kanaan fe'amee deemaa ture kun eeyyama daldalaa fi ragaa seera qabeessa kamiyyuu osoo hin qabaatiin shunkurtii fe'ame jalatti dhokfamee kan argamedha.

Zayitiin birrii kuma 438 fi 400tti tilmaamamu kun eeruu ummanni poolisiif kenneen qabamuu akka danda'e himanii, konkolaatichi to'annoo jala oolee dhimmisaa qulqullqq'aa akka jiru hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015