Oromiyaatti bara oomishaa kana lafa heektaara miiliyoona 6.3 irraatti oomishinni ni oomishama.

163

Caamsaa 16/20149TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa kana lafa heektara miiliyoona 6.3 irratti oomishaa adda addaa oomishuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Hojiin sanyii facaasuu kan bara kana Godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti jalqabsiifameera.Itti aanaan hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammaachuu sirna kanarratti argamuun jalqabsiisaniiru.

Naannichaatti bara kana lafa heekatara miiliyoonaa 6.3 sanyii midhaanii facaasuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ooyiruu sanyii midhaanii facaasuuf qophaa'ee keessaa heekataarri miiliyoona 4.5 kilaasteeraan qotamee facaasaaf qophaa'eeras jedhameera.

Karoorri hojii qonna naannichaa ammayyeesuuf hojjetama jiru cimee kan itti fufe yoo ta'u, bara kana tiraakteroota 4000 ol tajaajila qonnaaf akka oolu kennuuf qophiirra kan jiramu ta'uu himaniiru.

Hanqina xaa'oo biyyoo bara kana mudate furuufis naannichaatti xaa'oo uumamaa meetirikitoonii miiliyoona 42 qopheessuus himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Tafarraa Ararsoo akka himaniitti godinichaatti lafa heektara 613 kilaasteraan qotuun sanyii facaasuuf qophaa'eera.

Sagantaa sanyii midhaanii facaasuu har'a aanaa Noonnoo ganda Biiftuu Jaalalatti jalqabsiifame kanaan kilaasteraan lafa qonnaa sanyii facaasuuf qophaa'ee heekatara kuma 1 fi 35 irraa sanyiin Boqqoolloo facaafameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015