''Magaalaa Adaamaa ammayyeesuun gaaffii uummata deebisuu qabna''

222

Caamsaa 15/2014(TOI) - Sadarkaa Pireezidaantii naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastera magaalaa obbo Addisuu Araggaa Magaalaa Adaamaa ammayyeessuun gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii uummataa deebisuu qabna jedhan.

Jilli hoggantoota mootummaa federaalaa fi naannoo obbo Addisuu Araggaan durfamuu hojii dijitalazeeshinii magaalaa Adaamaa daawwachaa jiru.

Daawwannaa kanarratti obbo Addisuun akka himanitti, magaaloota naannichaatti rakkoo bulchiinsa gaarii, hojimaata badaafi hanna ittisuuf kennisaa tajaajila keenya gara Dijitalazeshiiniitti jijjiiru qabna jedhaniiru.

Uummanni mootummaarra kan barbaadu tajaajila si'ataadha kan jedhan obbo Addisuun, kan raawwachuu kan dandeenyuu tajaajila kana karaa tekinoolojii kennuu yoo dandeenyedha jedhaniiru.

Magaalaa Adaamaatti keessaayyu bulchiinsaafi itti fayyadama lafaa, tajaajila mana qopheessaa, dhaabbilii galiifi daldalaa gara dijitalaatti jijjiruuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee akka himaniiti maagalichaatti sababaan tajaajila kennamu gara dijitalaazeshiniitti galchuuf hojjetamaa jiruuf gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii uummatichi qabu deebisuufi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015