Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Itoophiyaatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf dhimmoota dandeesisan irratti mari’ate.

84

Caamsaa 12/2014(TOI)- Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Itoophiyaatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf dhimmoota dandeesisan irratti mari’ate.

Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka buutuu dhimma dubartootaa Itoophiyaa waliin walqixummaa koorniyaa mirkaneessuuf dhimmoota dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Marii kanaan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Itoophiyaatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf waggoota 4 keessatti Ministeericha waliin ta’uu dhimmoota raawwatan irratti xiyyeeffachuun mari’atameera.

Kaabaa Itoophiyaatti dubartoota miidhaan irraa gahe gama deeggaruun dhimmota waliin ta’uun raawwataman irratti mari’atameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015