Naannoo Hararitti leenjiin hoggansa olaanoofi giddugaleessaa eegalame.

78

Caamsaa 11/2014(TOI) - Naannoo Hararitti leenjiin hoggansa olaanoofi giddugaleessaa eegalame.

Leenjichi bakka Pireezidantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii argamanitti guyyaa har’aa eegalameera.

Pireezidantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii, hoggansi tokkummaa ilaalchaafi gochaa uumuun gaaffii uummataa deebisuu qaba jedhan.

Naannichatti yeroo ammaa hoggansi qindoominaafi wal dubbisuun hojiileen hojjechaa jiru babal’achuu qaba jedhame.

Leenjichi guyyoota 5’f kan turu yoo ta’u, hanga hoggansa sadarkaa gadii irra jiruutti cimee itti fufa jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015