Baatiwwan kurnan darban galiin Birrii biiliyoonni 282.5 walitti qabame

78

Finfinnee, Caamsaa 11/2014 (TOI) – Baatiwwan kurnan darban galiin Birrii biiliyoonni 282.5 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 8ffaa gaggeessaa jiruun gabaasa raawwii baatiwwan kurnan darbanii Ministeera Galiiwwanii fi dhaabbilee waamamtootaa dhaggeeffachaa jiraachuu ibsameera.

Baatiwwan kurnan darban galii Birrii biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 60 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni dhibbi 2 fi biiliyoonnii 82 fi miiliyoonni dhibbi 5 ol walitti qabamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqa Ayyaalew ibsnaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015