Hambaaleen Itoophiyaa karaa seeraan alaa Faraansaayi galan deebi'uuf ta'uu himame.

144

Caamsaa 10/2014(TOI) - Hambaaleen Itoophiyaa karaa seeraan alaa Faraansaayi galan deebi'uuf qophiirra kan jiramu ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Hambaaleen kunneen Jaarraa 15ffaa irraa eegalee hanga Jaarraa 20ffaatti kan hojjetaman yoo ta’u, waggaa sadiin dura karaa seeraan alaa Itoophiyaarraa ka’uun gara Firaansiitti erga imalee booda Buufata Xiyyaaraa Paariisitti to’annoo jala oolee jedhameera.

Firaansitti Imbaasiin Itoophiyaa Ministeera Dhimma Alaa Firaansi fi Abbaa Taayitaa Gumurukaa waliin ta’uun dhimmicha irratti mari’achuun hambaaleen kunneen baatii Waxabajjii dhufu keessa gara biyyaatti akka deebi’u eereera.

Hariiroon dippilomaasummaa Itoophiyaa fi Firaansi waggaa 125ffaa wayita kabajamutti deebi’uun hambaalee kunneen immoo hariiroo biyyoota lameen damee aadaa irratti qaban kan cimsu ta’uus himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015