Naannoo Tigraayitti umuriifi koorniyaa osoo addaan hin baasiin dirqamaan loltummaaf filachuun cimee itti fufuu, namoonni Rooyitars dubbise himan.

64

Caamsaa 8/2014(TOI) - Naannoo Tigraayitti umuriifi koorniyaa osoo addaan hin baasiin dirqamaan loltummaaf filachuun cimee itti fufuu, namoonni Rooyitars dubbise himan.

Namoonni kunneen akka himanitti maatiin ijoollee isaanii gara buufata leenjiitti hin ergine hidhaaf ni saaxilamu.

Baatii Guraandhala eegale jirattotaafi hojjetoota deeggarsaa waliin gaaffiifi deebii kan taasise Rooyitarsi, namoota baayyee biratti fudhatama kan hin qabne umuriifi koorniyaa osoo addaan hin baasiin dirqamaan loltummaaf filachuun cimee itti fufuu beeksiseera.

Dargaggoon umurii waggaa 18tii dirqaaman gara loltummaatti makame akka himetti, maatiin ijoollee isaanii gara loltummaatti erguu yoo baatan adabii maallaqaa 10 hanga 20fi hidhaan akka isaanii eeggatu himeera.

Dargaggoon jiraata magaalaa Maqalee ta’e tokko immoo haatikoo mana hidhaa galuu hin qabdu jedheen fedhakoo malee dirqamaan gara loltummaatti makame jechuun Rooyitarsitti himeera.

Wayita ammaas namoota naannichatti argaman irratti hordoffiin cimaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Hogganaa Hariiroo Alaa naannoo Tigraay jedhee kan of waamu obbo Kindeey Gabrahiwoota akka jedhanitti, ABUT namoota ijoollee isaanii gara buufata leenjitti hin ergine haa hidhaman jechuun kallattiin hoggansa olaanoorra kenname hin jiru jechuun waakkatan.

Hoggansi Aaanaafi gandaa namoota hidhaarraa akka hiikaan taasisaniirus jedhuun obbo Kindeey dubbatus, ragaaleen naannicha irraa dhufan garuu kana hin agarsiisan jechuun Rooyitars gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015