Godinichatti Hospitaalli waliigalaa tokko birrii miiliyoona 300 ijaaramuufi.

54

Caamsaa 7/2014(TOI) - Diyaaspooraawwan dhalootaan Itoophiyaa ta'aan Godina Harargee bahaa aanaa Kombolchaatti hospitaala walii galaa tokko ijaaruf jedhame.

Hospitaalli waliigalaa kun birrii miiliyoona 300 kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsa isaafis dhagaan bu'uuraa kaa'ameera.

Hospitaalli kun lafa heektaara 1.6 irratti kan ijaaramu yoo ta'u, baasii ijaarsaa isaaf ooluu guutuun guutuutti lammilee Itoophiyaa biyya ala jirataniitu baasa.

Ijaarsa Hospitaalichaaf Pireezidaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa doktar Jamaal Yuusuuf , bulchaa aanaa Kombolchaa obbo Aliyyuu Ibiraahim, bakka bu'aa diyaaspooraa obbo Farhaan Ahimad dhagaa bu'uuraa kaa'aniiru.

Bakka bu'aan hawaasa diyaaspooraa obbo Farhaan Ahimad akka sirna kanarratti dubbatanitti rakkoo waliingaliin tajaajila yaala fayyaa hawaasni qabu hubachuun hospitala kana ijaaruuf akka murteessan himaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa yeroo ammaa hawaasa isaanii gargaruu murannoo jabaa akka qaban himaniiru

Hospitaalichi ijaaramee haga xumuramutti hawaasniis hordoffiifi deeggarsa cimaa akka taasisu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015