Waltajjiwwaan marii biyyaalessaa bara dhufu ji'a Sadaasaa jalqabama jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Waltajjiwwaan marii biyyaalessaa bara dhufu ji'a Sadaasaa jalqabama jedhame.
Caamsaa 6/2014(TOI) - Waltajjiin marii biyyaalessaa bara dhufu ji'a sadaasaa keessaa akka jalqabamu Komishiineerri Walitti qabaa Komishiinii marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar'aayaa himan.
Piroofesar Masfiin akka TOI himanitti, Mariin biyyaaleessaa boqonnawwaan 4 kan Mariidhaaf qophii duraa, Qophii,Marii fi marichaa hojiirra oolchuu fi to'annoo hojiirraa oolmaa mariichaatti qoodamanii hojjetamaa jiru.
Hojii haga ammaatti hojjetamaniis hojiin qophii duraa xumuramaa jiru jedhaniiru.
Hojiiwwaan qophii duraa keessaa kan jalqabaa kan ta'e hojii karooraa torbanoota dhufaan lamaan keessaatti xumuruun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariifi gamaggamni ni taasifama jedhaniiru.
Hojiin qophii duraa kun ganna kana xumuramuuf bara dhufu baatii Sadaasaa keessaa Waltajjiwwan marii biyyaaleessa kan geggeeffamuu jalqaban ta'uu Piroofesan Masfiin Ar'aayaa himaniiru.
Boqonnaawwan hojii bakka 4 qoodamanii qophaa'an kana keessatti hirmaatoota marichaafi leenjii, waliigaltee biyyaaleessaaf ajandaawwan fooyyee qaban adda baasuun keessatti hammatamuu himaniiru.
Ajandaan marichaaf ta'uu kan uumamu fedhii hawaasaa kutaa gadiirraa ta'uu himuun bakka buutoonni ummataa xiyyeeffannoon irratti hojjetama jedhaniiru.