"Humni farraa Itoophiyaa ta’e gonkumaa Ugaandaa keessa akka socho’u hin eeyyamamuuf''

48

Finfinnee, Caamsaa 5/2014 (TOI) – Ministirri Raayyaa ittisaa biyyaa Ugaandaa Viinseent Siiseempiijaa humni farraa Itoophiyaa ta’e gonkumaa Ugaandaa keessa akka socho’u hin eeyyamamuuf jedhan.

Etaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ministira Raayyaa ittisa Biyyaa Ugaandaa Viinseent Siiseempiijaa waliin dhimmoota waqtaawaa biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin sadarkaa waliigaltee damee raayyaa ittisa biyyaa biyyoota lamaan gidduu jiruu fi yeroo ittaanuutti waliigalticha haaressuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Hojiin waliigalticha haaressuu Ministeera Dhimmaa Alaa waliin tumsaa kan raawwatamu ta’uu qajeelfamni laatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015