''Gootota tokkummaa biyyaafi uummataaf aarsaa kanfalaniif beekamtii kennuun gara fuula duraatti gootonni hedduun akka uumamaan taasisa.''

103

Caamsaa 3/2014(TOI) - Ministirri muummee FDRI doktar Abiy Ahmad Gootota tokkummaa biyyaafi uummataaf aarsaa kanfalaniif beekamtii kennuun gara fuula duraatti gootonni hedduun akka uumamaan aadaa taaisudha jedhaan.

”Duula olaantummaa seeraa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti aarsaan kanfalamee tokkumaafi birmadummaa Itoophiyaafi.” mata duree jedhuun qamoolee duula olaantummaa seeraafi biramadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee isaanii bahaniif sagantaan beekamtii kennuu magaalaa Bahaardaaritti geggeeffama jira.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad sirna kanarratti argamuun haasaa taasisaniin Ummanni Itoophiyaa hundi yeroo birmadummaan biyyaa sarbamu tokkumaan bilisummaa isaaf akka falmatuu seenaarraa baruun ni danda'ama jedhaniiru.

Bara kanas gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf socho'ii isaan gootonni Itoophiyaa lubbuu, Lafee, humna fi qabeenya isaanii kennuun biyya boonsuu isaanii himaniiru.

Gootonni keenya kunneen Iiziin kabaa garee shororkeessaa kanaan haleelamuunfi weerara taasisee keessaatti dukkana keessa ta'anii biyyaaf aarsaa kanfalaaniin tokkummaa biyyaaf ibsaa kan ibsanidha jedhaniiru.

Har'as kanneen sabaan, amantaan, aadaafi afaaniin gargar qoodamaniiru jedhanii weerara geggeessuu kanneen yaadan garee shororkeessaa ABUT irraa barachuu qabu jedhaniiru.

Duula olaantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti qaamoleen nageenyaa hedduun aarsaa ta'aniiru kan jedhan doktar Abiy Ahmad beekamtiin har'a kenname kun kanneen har'a sagantaa kanarratti argaman qofaaf osoo hin taane kan sirna kanarratti hin argamiin hundaa kan hammatudha jedhaniiru.

Yeroo ammaa namni hundumtuu badhaadhina Itoophiyaaf hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.Sagantaa beekamtii fi badhaasa kennuu kanarratti humnoota nageenyaa waan jabaa hojjetaniif, Maatii namoota aarsaa ta'aniif, hoggantoota raayyaa ittisaa hogansaa gahaa kennaniif, dureesootaaf, Miidiyaaleef, Yuunivarsiitootafi kanneen biroof beekamtiifi badhaasni laatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015