Raawwii diinagdee ji’oota sagalii bara baajataa 2014 ilaalchise Manni Marii Diinagdee Maakroo Biyyaaleessaa ibsa baase keessaa kan fudhatame,

59

Caamsaa 2/2014(TOI) - Raawwii diinagdee ji’oota sagalii bara baajataa 2014 ilaalchise Manni Marii Diinagdee Maakroo Biyyaaleessaa ibsa baase keessaa kan fudhatame.

  • Misoomaa jallisii boonaan hojii jallisiin Qamadii omishiirratti xiyyeeffannoon waan hojjetameef lafa heektaara kuma 613 irraa oomisha kumtaalli miiliyoona 25 walitti qabama jedhamee eegama.
  • Dameen tajaajilaa sababa vaayirasii koroonaan laafee ture dhahata dhahataan guddiinna abdachiisaa agarsiisaa jira.
  • Dameen indastirii kan guddiinni isaa xiqqoo hiri'ate deebi'ee akka ka'uuf tattaffiin cimaan taasifamaa jira.
  • Invastimantii kallaattiin kan keessaafi alaa sababa waraanaan qorree ture deebisuuf hojii hojjetameen milkaa'inni argamaa jira.
  • Yeroo walfakaataa kan bara darbeen yoo madaalamu hangi Baankonni qusatan %25 dabaluun Tiriliyoonaa 1.6 gaheera.
  • Daldala alaarraa doolaarRI biiliyoona 2.95 kan argamee yoo ta'u kana keessaa doolaarri biiliyoona 2.05 qonnaarra argame. Haaluma kanaan qonni lafee dugdaa daldala alaa ta'ee itti fufeera.
  • Qonnatti aansuun dameen albuudaa doolaaraa miiliyoona 453 fi dameen Indastirii oomishaa doolaara miiliyoona 378.5 kanneen galiin irraa argameedha.
  • Bara bajataa kanatti liqii alaa kanfaluun nurraa egamuu karaa sirriin kanfalameera.
  • Baatiiwwan salgan darbanitti lammilee miiliyoona 1.4 carraan hojii umameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015