Raawwii diinagdee ji’oota sagalii bara baajataa 2014 ilaalchise Manni Marii Diinagdee Maakroo Biyyaaleessaa ibsa baase. - ENA Afaan Oromoo
Raawwii diinagdee ji’oota sagalii bara baajataa 2014 ilaalchise Manni Marii Diinagdee Maakroo Biyyaaleessaa ibsa baase.
Caamsaa 2/2014(TOI) - Raawwii diinagdee ji’oota sagalii bara baajataa 2014 ilaalchise Manni Marii Diinagdee Maakroo Biyyaaleessaa ibsa baase.
Waggoota muraasa darbanitti diinagdeen biyya keenyaa akkuma siyaasaatti sababoota garaa garaan qormaatileef saaxilamaa turuusaa ibseera.
Rakkoowwani balaawwan namtolcheefI uumamaan dhiibbaan hamaan hineegamni muudataa turuusaa ibsa kanaan eerameera.
Keessattu dhiibbaan waraana Kaabaan walqabate sochii gama diinagdeefi bizinasiin muudate laayyoo akka hintaane ibsichi ifatti mul’iseera.
Haa tahuuti akka ibsa kanaatti diinagdeen biyya keenya dhiibbaa biyya keessaafi alaa dandamachuun haala foyyee qabuun imalaa jiraachuun mirkaneessuun danda’ameera jedheera.
Manni marii Diinagdee Maakroos haaloota raawwii ji’oota sagalii bara baajataa wayita qoratuu kan mirkaneesses isuma kanaa jedheera.
Waajjira Ministira Muummee odeeffanne.