Baatiiwwan salgan darbaan Invastimantii alaatiin kallattin doolaara Ameerikaa Biiliyoonni 2.43 galmeessuun danda’ame

61

Caamsaa 2/2014 (TOI) – Bara bajataa kana baatiiwwan salgan darbanitti Invastimantii alaatiin kallattiin doolaara Ameerikaa Biiliyoonni 2.43 galmeessuun danda’amuu Komishiniin Invastimantii beeksiseera.

Komishiniin Komishinara Invastimantii Lalisee Namee ibsa laataniin, baatiwwan salgan darbanitti invastimantii alaatiin doolaara biiliyoona 3.46 galmeessuuf karoorfamee, doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.43 galmeessuun danda’amu ibsaniiru.

Raawwiin kun kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamuu, guddina %18.3 agarsiisuu aadde Laliseen ibsichaan eeraniiru.

Yeroo karooraa kana keessaatti dureesoota 203 gara hojii invastimantiitti galchuuf karoorfamee kana keessaa dureeyyoota 118 gara hojii kanaatti galchuun akka danda'ame himameera.

Kana keessaas damee manufaakcheriin 65, tajaajilaan 50 fi qonnaan immoo 3 ta'uu himaniiru.Hojii invastimanitii kanaarratti kan bobba'anis baay'iinaan dureeyyoota Chaayinaa ta'uu himaniiru.

Baatiiwwan salgan darban kanatti oomishalee paarkiwwan indastirii irra gara biyya alaatti ergaman irraa doolaara miiliyoona 223 argachuuf karoorfamee doolaaraa miliyoona 156.7 argamuu himaniiru.

Kan bara darbe yeroo walfakaataan yoo madaalamus doolaara miiliyoona 27 caalmaa akka qabu eeraniiru.

Invastimantii alaa kallattiin simachuuf yaaliiwwan taasifamaan rakkoowwan hedduun akka mudatan kan himan komishinaar Laliseen Itoophiyaan 'Agago'aa' irraa haqamuu, hanqina sharafa biyya alaa, rakkoo loojistikii, rakkoo nageenyaafi tasgabbii akkasuma waraanni Ruusiyaafi Yukireen kanneen hojii invastimantiirratti dhiibbaa uuman ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015