Baatii 9 darban humna elektirikii biyyoota ollaatti gurgurame irraa galiin Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 37 argame.

72

Ebla 27/2014(TOI) - Baatiiwwan 9 darban humna Elektirikii biyyoota ollaatti gurgurame irraa galiin Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 37 argachuu Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Gara fuula durattis Itoophiyaan biyyoota ollaaf humna elektirikii dhiyeessitu guddisuun galii argamuu dabaluuf hojjetamaa jiraachuun himame.

Humni Elektirikii Itoophiyaa kana kan jedhe Sudaan Kibbaatti, Ministirri Inarjiifi Hidhaa Pitaar Maarseeloo Naasirin jilli durfamu wayita “Giddugala To’annoo Humna Elektirikii Biyyaaleessaa Itoophiyaa” daawwateetti ture.

Humna Elektirikii Itoophiyaatti, Hojii Raawwachisa Korporeetii Pilaaningii obbo Andu’alaam Siyaa, daawwannichi biyyoota lameen misooma bu’uuraan walqunnamsiisuun fayyadamummaa waloo isaanii guddisuuf kan karoorfame jedhan.

Itoophiyaan humna eeletirikii meegaa waatii 254 Sudaaniifi Jibuutiif dhiyeessaa jiraachuus himaniru.

Sudaan Kibbaatti Ministirri Inarjiifi Hidhaa Pitaar Marseeloo Naasir, biyyi isaanii humna eelektirikii Itiyoophiyaarraa argatuun guddina dinagdee ishii kan deeggaru ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015