Itoophiyaafi Jibutiin Tarminaala kuusaa boba'a ijaarufi.

89

Ebla 27/2014(TOI) - Itoophiyaafi Jibutiin paarkii Jibutii indastirii Damarjoogitti Tarminaala kuusaa boba'a ijaaruuf akka jiran himame.

Hoji geggeessaan 'Itoophiyaa Investimeenti Holdiing' obbo Maammoo Miratuufi Pirezidaantii 'Jibutii Gireet Horn Investimet Holdiing' Abubakar Omaar Hadii tarminaalicha ijaaruuf sanada barbaachisurratti kaleessa waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen kunis biyyoonni lameen gara fuula duraattis tarminaala walfakataa biroo waloon misoomsuuf carraa gaarii kan uumu ta'uu Jibutiitti imbaasiin Itoophiyaa tora miidiyaa hawaasarratti odeeffannoon qoode ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015