Dargaggeessi nageenyaafi tokkummaa biyya isaa eegsiisuuf waliin dhaabbachuu qaba.

61

Ebla 27/2014(TOI) - Dhaloonni har'aa dargaggoonni nageenyaafi tokkummaa biyya isaa eegsiisuuf waliin dhaabbachuu akka qabu Waldaan gootota durii Itoophiyaa naannoo Amahaaraa hubachiise.

Guyyaan gootota Itoophiyaa 81ffaan magaalaa Bahar Daaritti kabajameera.

Dursaan waldichaa obbo Daanyinat Ayyaleew sirna kabaja ayyaana kanarratti ergamuun akka dubbatanitti Itoophiyaan kabajamteefi sodaatamtee kan har'a geesseef gootummaa abboota Itoophiyaan.

Faashistiin Xaaliyaan Adawaarratti injifatamuu aaruun waggoota 40 booda qophii waraanaa guddaa taasisuun yeroo lamafaaf gara Itoophiyaa dhufus waggaa 81 har'aa qoleensaa cabuun deebi'eera jedhaniiru.

Dargaggoon dhaloonni har'aa kanarra hubachuun waan adda isaan qoqodurraa of qusachuun waan biyya isaaf balaa ta'erraa ofeeguu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015