Itoophiyaan tokkummaa sabdaneessummaa ummattoota isheetiin birmadummaafi bilisummaa ummattoota ishee eegsiftee itti fufinfti.

116

Ebla 27/2014(TOI) - Itoophiyaan tokkummaa sabdaneessummaa ummattoota isheetiin birmadummaafi bilisummaa ummattoota ishee eegsiftee itti fufinfti jedhe, Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Ayyaana guyyaa goototaa yeroo 81ffaaf kabajame ilaalchisuun ibsa baaseen, Itoophiyaan diinota yeroo gara garaatti ishee weeraruuf dhufan hunda gootummaa ijoollee isheetiin injifachuun birmadummaa ummattoota ishee kabachiisuun har’aan geesseetti jedheera.

Waraana Itoophiaafi Itaalii jiddutti gaggeeffameen Adwaa irratti injifannoo Itoophiyaatiin goolabamuunsaa faashisitoota biratti qaaniifi gaabbii guddaa uumee darbeera.

Gootonni biyyattii sabaafi afaaniin osoo wal hin qoodiin bakkeewwan hundatti gurmaa’uun faashisitoota Itaaliirratti injifannoo akka gonfatan beeksiseera.

Ilaalchi fiinxaaleyyiifi shororkeessummaan yeroo ammaa kana mul’achaa jirus, ofii isaa of nyaatee kan badu ta’uu, gita bittoota faashistootaa irraa barachuun ilaalcha fiixeetti ba’e keessaa bahuun biyya guddisuutti irra eegama jedheera.

Har’as, biyyi keenya diinota seenaa dhihoofi fagootiin irratti aggaamameef osoo hin jilbeefatiin ijoolleen ishee jaalala biyyaa abbootii irraa dhaalaniin kabaja ummattootaafi tokkummaa biyyaatiif waardiyaa dhaabbachuu akka qaban beeksiseera.

Dhaloonni har’aas, kabaja waloo biyyaatiif tokkummaan dhaabbachuun Itiyoophiyaa gara sadarkaa ol’aanaatti ceesiisuuf kutannoon socho’uu akka qaban Tajaajilli Kominikresshinii Mootummaa ibsa baase kanaan dhaameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015