Duudha tokkummaafi waliin jireenya Ummataa cimsuun ni barbaachisa jedhame.

140

Ebla 26/2014(TOI) - Tokkummaafi waliin jireenya Ummataa gidduu jiru cimsuuf duudha wal kabajuu,waliif yaaduufi wal gargaaruu cimsuun ni barbaachisa jedhan,Yuunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaan Falaasamaa doktar Xannaa Dawoo.

Doktar Xannaan Itoophiyaan biyya amantaa garagaraafi saboonni garagaraa waggoota hedduuf wal kabajuufi jaalalaan keessa jiraachaa turan jedhan.

Haa ta’utti, wayita ammaa kutaa biyyaatti garagaraatti sababa uumuun duudhaa Ummatiichaa diiguuf mallattoon adda addaa mul’achaa jiracahuu himan.

Kunis dhaloota jibbinsaafi wal dhiibuu jibbuu ijaaruu dadhabu keenya agarsiisa jedhan.

Wayita kaamu dhimmoota ka’an karaa gaarii hubachu dhabuun nageenya,misoomaa, guddinaa biyyaafi tokkummaa Uummataa irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisa jedhan.

Kanafis, rakkiichaa hiikuu kan dandeenyus garaagarummaa yaadaafi waliigaltee dhabuu nu gidduu jiru kabajuun duudhaa waliif yaaduufi walgargaruu Uummataa keenya akka hin laafneefi hindiigamnef of eeggannoo taasisu qabna jedhan.

Keessattuu dhaloonni amma jiru miiraan deemu caalaa rakkoo jiru kara tasgabbiin hubachuun, tokkummaa Uummataafi nageenya biyyaa ijaaru keessatti gahee isaanii bahaachuu qabu jedhan.

Rakkoo akka biyyaatti uumamuu humnaan hiikuuf yaaluurra, mariin hiikuun ni barbaachisas jedhan.

Akkasumas dargaggoonni miidiyaa hawaasaa fayyadamtan rakkoofi jibbinsaa baba’lisuuf osoo hin taane Uummataa walitti fiduufi ijaarsa biyyaaf fayyadamu qabdu dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015