Mootummaan kanneen dhaabbilee amantaa kamiyyuu dahoo godhachuun siyaasa isaanii tarkaanfachiisu barbaadaniif obsa qabaachuu hin qabu.

65

Ebla 26/2014(TOI) - Mootummaan kanneen dhaabbilee amantaa kamiyyuu dahoo godhachuun siyaasa isaanii tarkaanfachiisu barbaadaniif obsa qabaachuu hin qabu jedhame.

Ebla 18/2014 magaalaa Gondoritti sirna awwalcha abbaa amantii Islaamaarratti walitti bu'insa umameen miidhaan qaqqabuu ni yaadatama.

Yeroo ammaa magaalaan Gondor gara nageenyatti deebi'aa kan jirtu yoo ta'u nageenyi waaraan akka bu'uuf mariin hawaasa adda addaa waliin taasifamaa jira.

Rakkoon dhiheenya magaalichatti mudatee tures amantaa kamiyyuu kan bakka hin buunefi rakkoo kanneen kaayyoo badii qabaniin qindaa'e ta'uu maariiwwan ta'amaa jiran irratti hawaasni eereera.

Mootummaan kanneen dhaabbilee amantaa dahoo godhachuun kaayyoo siyaasaa isaanii tarkaanfachiisuuf yaalaniif obsa qabaachuu akka hin qabne waamicha dhiheessaniiru.

Abbootiin amantaa marii kanarratti hirmaatan akka himanitti walii waliin wal dhiibuun, wal miidhuun bu'aa inni buusuu waan hin jirreef dhaabbileen amantaas kanneen gochaa badii kana keessatti hirmaatan dabarsanii seeratti akka dhihaatan gochuu keessatti gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.

Nageenyi waaraan sadarkaa biyyaattis akka jiraatuuf hunduu gaheesaa akka bahuu waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015