Naannoon Oromiyaa dureeyyoota Indastirii oomishaarratti bobba'uuf fedhii qaban itti dhiheenyaan deeggarsa taasisuuf qophiidha.

64

Ebla 25/2014(TOI) - Naannoon Oromiyaa dureeyyoota Indastirii oomishaarratti bobba'uuf fedhii qaban itti dhiheenyaan deeggarsa taasisuuf qophii ta'uu pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan.

Sosochiin hojii damee indastirii naannoo Oromiyaa geggeeffameera.

Kayyoon sosochii kanaas bu'aawwan haga ammaatti damee kanaan argaman fi gara fuula duraatti hojiiwwan akkamii hojjetamuu akka qaban adda baasuuf ta'uu himameera.

Obbo Shimalliis sosochii kana yeroo jalqabsiisan akka himanitti "Dameen hojii Indastirii osoo hin guddatiin Badhaadhinni dhufu hin jiru" jedhaniiru.

Damee hojii indastirii guddisuu yoo hin danda'iin addunyaa waliin dorgomaa ta'uun akka hin danda'amne himuun,baroota darban keessa dureeyyoon kaka'umsa mataa isaanii indastiriiwwan hedduu ijaaruu himaniiru.

Kanarraas Itoophiyaan fayyadamtuu akka taate kan himan obbo Shimallis caalaatti cimsuufi bakka barbaadamu akka gahuuf hojjechuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Naannichi damicha cimsuuf deeggarsa barbaachisu gochaa jiras jedhaniiru.

Gara fuula duraattis imaammata fooyyesuurraa eegalee hanga damichaa waantota cimsuu danda'an hundaarratti kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.

Mootummaan dureeyyii seektera kanaratti hirmaatan deeggaruun damicha kan jajjabeessan ta'uu kan himan, Obbo Shimallis,dureeyyii damee kanarratti hirmaatan cimanii hojjachuun bu’aa guddaa biyyaaf akka fidan dhaamaniiru.

Qaamolee seektera kana keessatti hirmaatan hanna irraa fagaatanii qulqullummaadhaan hojjatanii badhaadhinaa barbaadan fiduu akka qaban dhaamaniiru.

Marii kanarratti hoggantoonni olaanoo Mootummaa Ministeerri Indaastirii, Obbo Malaakuu Allabal,Hogganaa Biiroo Investimentiifi indaastirii Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaa, hoggantoota Mootummaa kanneen biroo fi dureeyyiin damichaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015