Dirredawaa Kanamaan Dadabiitiin 3 fi 2 Mo’ate - ENA Afaan Oromoo
Dirredawaa Kanamaan Dadabiitiin 3 fi 2 Mo’ate
Maqalee Ebla 7/2011 Istaadiyeemii idil addunyaaTigiraayi Maqaleetti tapha piriimerliigii Itiyoophiyaa torban 20ffaa adeemsifameen Dirredawaa Kanamaan Dadabiitiin qabxii 3 fi 2n mo’ate.
Tapha adeemsifameen Dirree kanamaa mo’achuu kan danda’e Zannabaa Taaddasaa daqiiqaa16ffaa, Ramandii Yaasiin 44ffaa, Fefedi Mishendo 87ffaa irratti goolii lakkoofsisaniini.
Kilabiin kubbaa miillaa Dirredawaa tapha kana mo’achuun sadarkaasaa 12ffaa gara 10ffaatti fooyyeffachuu danda’eera.
Kilabii kubbaa miillaa Dadadabiitiif Yaabsiraat Tasfaaw daqiiqota 58ffaa, Madihaanniyye Taaddasaa 90ffaa irratti goolii lakkoofsisaniiru.
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa kan dubbise leenjisaa olaanaa kilabii Dirredawaa kanamaa Simoon Abbaay deeggartoonni ispoortii taphasaaniitiin deeggaruu akka qaban beeksisanii `` nag-eegsiftoonni hojii fakkeenyummaa qabu hojjechuu isaaniitiin itti boonneerra`` jechuun dubbataniiru.
Leenjisaan kun waa’ee ciminaa fi dadhabina abbaa seerotaa ilaalchisee yaada kennuuurraa ofqusataniiru.
Leenjisaa olaanaan Dadabiiti Daani’eel Tsahaayee gama isaaniitiin ``rakkooleen leenjisaa, taphattootaa fi bajataa ture yeroo ammaa kana gatii nu kaffalchiisaa akka jiru hubanneerra`` jedhaniiru.
``Garee kan sadarkaa 16ffaarraa gara 10ffaatti fiduuf hojjetaa, ummannii fi mootummaanis deeggarsa maallaqaa nuu gochuu qabu `` jedhan.