Shira diinota keenyaa fashalsaa badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsina!

124

Ebla 24/2014(TOI) - Mootummaan naannoo Oromiyaa Shira diinota keenyaa fashalsaa badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsina jechuun ibsa laatera.

Ibsichi guutuun isaa kan armaan gadiiti.

----- --- ---- ------ ----- ------ ------- --- -----

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname!

Biyyi keenya baroota hedduuf duudhaa waliin jireenyaa seenaa keessatti gabbifatteen shira diinota keessaafi alaa xaxamuun osoo hin jilbeeffatiin sabaafi sablammoota gidduutti kabaja, jaalalaafi obbolummaa dagaagsaa dhalootaa dhalootatti darbaa as geessee jirti.

Ummata nagaan wal danda'ee jiraatu kana gidduutti barootaaf shirri adda addaa xaxamus ummanni Itoophiyaa diinota tokkummaasaa laaffisan bilisummaa isaa irraa mulquuf tirtiraaniif osoo harka hin kenniin ilaafi ilaameen aadaa, seenaa, duudhaa, afaaniifi amantiisaa kunuunfachuu irratti argama.

Humnoonni qabsoon ummataa aangoo irraa darbaman aangootti deebi'anii ummata qorquuf gaarri isaan hin yaabneefi sulula isaan hin qaxxaamurre hin jiru. Bifuma walfakkaatuun Humnoonni finxaaleyyii amantaafi saba dawoo godhatan ummata nagaan waliin jiraatu gidduutti summii faacaasuun ergama diinota keenyaa galmaan gahuuf yeroo isaan wixxirfatan ni mul'ata.

Mootummaan Itoophiyaa sabdaneessummaa dagaagsuuf obbolummaa waaressuuf waadaa 'jaalalaan idaa'amnee tokkummaan haa ceenu' jechuun isaa humnoonni badii dalagan seeraan hin gaafataman jechuu akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.

Finxaaleyyiin sabaafi amantaa dawoo godhatanii socho'an guyyaa har'aa hawaasa Musiliimaa Ayyaana Iid Al faxir kabajuuf bahe keessa dhokachuun ergama humnoota alaa galmaan gahuuf yaalii isaan Magaala Finfinnee keessatti taasisan hordoftoota amantaa Musiliimaafi sochii qindaawaa qaamolee nageenyaan fashalee jira.

Ummanni keenya ammas tokkummaafi duudhaa waliin jireenyaa gabbifatee as ga'e cimsee itti fufuun Baandota amantaafi saba dawoo godhachuun biyya keenya diiguuf socho'an secca'ee of keessaa baasuu qaba.

Mootummaanis tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu finxaaleyyiifi shororkeessitoota ergama diinota biyya keenyaa fudhatanii socho'an irratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta'uu ibsaa ummanni naannoofi biyya keenyaa hundi deeggarsa barbaachisaa ta'e kennuun mootummaa cinaa akka dhaabatu waamicha dabarsaa hawaasni musiliimaa shira qaamolee muraasaan shirameen osoo hin jeeqamiin nageenya naannoosaa eeggachaa ayyaana isaa akka kabajatu Maatummaan Naannoo Oromiyaa dhaamsa dabarsa.

Ayyaana Gaarii!

Eebla 24/2014
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015