Konkolaatoonni 27 deeggarsa namoomaa fe’anii Maqaalee galan.

4

Ebla 23/2014(TOI) – Konkolaatoonni 27 deeggarsa namoomaa fe’anii Maqaalee galu Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiseera.

Konkolatoonni biroo deeggarsa fe’anis boru imaluuf kan qophaa’an ta’us himeera.

Baatii Ebla eeggale konkolaattoonni deeggarsaa 170 Maqalee galuusaanis Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiseera.

Deeggarsa namoomaa karaa idilee geejjibsisuun qaamoleen hundi dhaqqabiinsaa deeggarsichaa guddisuuf tumsa taasisaa jiran cimsani akka itti fufanis waamicha dhiheesseera.