Doktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Islaamaaf ergaa baga geesanii dabarsan

71

Ebla 23/2014 (TOI) – Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Islaamaaf ergaa baga geesanii dabarsaniiru.

Ayyaana Iid Uumaan gammachuu dhala namaaf kenne hawaasni muusiliimaa gammachuun kan kabaju ta’uu ibsaniiru.

Maddi gammachuu kanaa nyaachuu fi dhuguu, uffachuu fi faayamuu osoo hin taane ofirra darbanii warreen kaan waliin ayyaanicha dabarsuu ta’uus eeraniiru.

Uummanni muusiliimaa wantoota gaarii qabu qabate walgaafachaa, waliin jiraachuu fi tokkummaa isaa kan itti agarsiisu, kan qabu isa hin qabne kan itti gargaaru, kan argate isa hin arganne nyaataa fi jaalala qooddachuun kan itti dabarsu ta’uu himaniiru.

Duudhaaleen ayyaanichaa kunneen hordoftoota amantichaarra darbee warreen biroof kan hafan ta’uu kaasaniiru.

Uummanni muusiliimaa Iid dura baatii tokko guutuuf jal’inarraa fagaatee gaarummaa kan baratu, hojii biyya lafaarraa fagaatee ergamoota kan fakkaatu ta’uu eeraniiru.

Ergamoonni kan hin nyaanne, hin dhunnee fi lapheesaanii guutuu ajaja uumaa kan raawwatan ta’uu addeessaniiru.

Uummanni muusiliimaas baatii ramadaanaa keessa hojii kanarraa adda ta’e kan hin raawwanne ta’uu fi baatichi baatii Allaan kennaawwan qaalii itti kenne, quraanni gara lafaa bu’e, balballi jaanabaa cufamanii balballi jannataa banamanii fi baatii amanaan cichoomina akka amantii isaattii fi gara laafina akka Allaatti itti argatu baatii eebbifamaa ta’uu ibsaniiru.

Quraanaan amanaan uumaasaa waliin dudubbachuun, daandii jireenyaa fayyadu filachuun akka ajaja uumaasaatti jiraachuuf carraa argachuu kaasaniiru.

Baatiin ramadaanaa wayita xumuramu uummanni muusiliimaa baatichi nuuf xumurame jechuurra nu jalaa xumurame jechuu kan dursu ta’uu addeessaniiru ergaasaaniin.

Baatiin eebbifamaan kun lammata hanga deebi’ee dhufutti hawwiin kan eegu ta’uu kaasaniiru.

Soommanni ramadaanaa haala ho’aa ta’een akkuma eegalame haala ho’aan ta’een xumuramuun ayyaana Iid Al-Faxir geenyeerra.

Hundi keenyayyuu baga ittiin nu gahe jedhaniiru.

Ityoophiyaatti ramadaanni baranaa jaalallii fi tokkummaan biyyaalessaa kan itti mul’ate ta’ee darbuunsaa kan yeroo kamiiniirrayyuu adda kan isa taasisu ta’uu ibsaniiru.

Sosochiin biyyaalessaa “Iid hanga Iid” hedduu guutuu addunyaarraa walitti qabuun mana haadha isaaniitti, lammiilee isaanii gidduutti akka dabarsanii carraa kan uume ta’uu addeessaniiru.

Sagantaawwan daandiirraa magaalaa Finfinneerraa eegalee magaalota naannolee fi qa’eewwanitti qophaan irratti dhiiraa dubartiin, muusiliimaaf kiristiyaanni, xiqqaa fi guddaa tokkummaa isaa argisiisuu kaasuun, Ityoophiyaan obbolummaa ijoolleesheetti gammaduu fi uumaanis kan barbaadu kana ta’uu himaniiru.

Akkuma Quraana qulqulluu keessatti “laphee keessan kan cabsan diinota keessan yoo ta’anillee fedha Allaahatiin obboleessa keessan ta’uu danda’a” jechuun barraa’e ijoolleen Addaam hundi osoo hin qoqqoodamiin tokkummaan akka amanan, wanta uumaan godheefis akka yaadatan, dhala namaa gidduutti jaalalaa fi walgargaaruun akka barbaachisu cimsee kan ibsu ta’uu eeraniiru.

Garaagarummaa yaadaa qabaannus, aadaa, afanii fi barsiifataan garaagara taanus biyyi qabnu tokko taatee hanga jirtutti garaagarummaa kanneen irra darbuun obboleewwan akka taanu, walii keenyaaf akka yaadnuuf ajajni uumaa nu yaadachiisa jedhaniiru.

Harkoonni sheexanaa Waan xinnaa fi guddaatti xiiqii fi lola kakaasan yeroo heddummatanii jiran kanatti hunda keenyarraa kan eegamu obsaa fi haalota jiran tasgabbiin ilaaluudha jedhaniiru.

Nuti akka uummataatti biyya keenya jaallatamtuuf akka kadhannuuf, adeemsa madaalawaa akka tarkaanfannu, gaarummaa fi qajeelummaaf akka bitamnu, harka sheexanootaa obsaa fi hubannaan akka injifannu cimseen gaafadha jedhaniiru.

Ityoophiyaan biyya yeroo dhiyoo waraana keessaa baate, isa dura hawaannisnii fi koroonaan dhiibbaa irraan gahuu addeessaniiru.

Hongeenis lammiilee biyyattii hedduu miidhuu kaasaniiru.

Wantoota hedduu dhabneerra; wantoota nutti hanqatan obsaan kutannee hojjechuu malee abdii kutuu hin qabnu jedhaniiru.

Isinis gootota birmadummaa biyyaaf jecha wareegaman gara jireenyaatti fiduu dadhabdanus warreen lubbuun jiran gargaaruu, maatii isaanii deeggaruutu isinirra jira jedhan.

Nama osoo hin qoodiin, abalu muusiliima;kiristiyaana osoo hin jedhiin, lammii kanarraati sanarraati jechuun osoo hin qoodiin lammiilee miidhamaniif hanga dandeettiin keessan eeyyame deeggarsa akka taasistan isin gaafadha jedhaniiru.

Amantaan osoo adda nun baasiin hundi keenya wal tumsinee lammii keenya kufe kaasuun jaalala uummataa fi biyyaaf qabnu addunyaatti haa mul’isnu jedhaniiru.

Ayyaanni kun haala ho’aan kabajamuun miidhaginaa fi kabaja hunda keenyaa ta’uu beekuu qabna jedhaniiru ergaasaaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015