Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe'an 20 gara Tigraay seenuu Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa ibse

64

Ebla 23/2014 (TOI) –Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa daraan murteessoo ta'an fe'an 20 naannoo Tigraay magaalaa Maqalee ga'uu isaanii Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa beeksiseera.

Baatii Amajjii 2022 eegalee Xiyyaaroonni fe'umsaa balallii 54 meeshaalee yaalaa dabalatee deeggarsi namoomaa gara naannichaatti imalchiisuu isaanii korichi ibseera.

Konkolaattoonni gurguddoonni midhaan nyaataa, meeshaalee yaalaa fi meeshaalee biroo fe'an 20 guyyaa kaleessa Magaalaa Maqalee ga'uu isaaniis himeera.

Lammiilee naannoo Tigraayitti haala rakkisaa keessa jiran baraaruuf erga murtoon walitti bu'iinsa dhaabuu darbee eegalee geejjiba laffarraan qofa marsaa sadiin konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe'an 145 karaa Afaariin naannicha seenuu isaanii Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Konkolaattoonni gara naannichaa imalan kumni 1 fi 99 kan hin deebine ta'uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun eeraniiru.

Erga mootummaan murtoo walitti bu'iinsa dhaabuu dabarse booda konkolaattoota deeggarsa namoomaa fe'anii gara naannichaa imalan 145 keessaa hanga ammaatti kan deebi'an 40 qofa ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015