Bulchiinsi magaalichaa, Ayyaana Iidaal Faxiir sababeeffachuun harka qalleeyyii kuma 101 fi 480 ta’an waaliin maaddii akka qooddateera.

111

Ebla 22/2014- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ayyaana Iid Al-faxiir sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kuma 2 ta’aniif maaddii qoodan.

Bulchiinsi magaalichaa, Ayyaana Iid Al-faxiir fi sooma hiikaa Ramadaanaa sababeeffachuun kutaa bulchiinsa magaalotaa irraa kaasee hanga Bilookitti lammiilee harka qalleeyyii kuma 101 fi 480 ta’aniif maaddii akka qoode himameera.

Sagantaan maaddii qooduu kunis karaa qindoomina qabuun qaamolee deeggartootaa waliin baatiiwwan sadeen dhufaniifis cimree itti fufa jedhameera.

Sagantaa maaddii qooduu kanarratti kan argaman Aadde Adaanach Abeebee akka jedhanitti, duudhaalee wal kabajuu fi wal deeggaruu Itiyoophiyaanota jidduu jiruutti fayyadamuun, qaamolee hawaasaa deeggarsa barbaaddan deeggaruuf tumsuun akka barbaachiisu himan.

Dhiibbaa qaala'iinsi jireenyaa uumee dandamachiisuuf hojiin maaddii qooduu kun cimee kan itti fufu ta’uus dubbatan.

Hogganaan Qindeessaa Tola Ooltummaa fi Hirmaannaa Ummataa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Asfaaw Takilee gamasaaniitiin, sagantaa maaddii qoodannaa jalqaba Ji’a Eblarraa eegalee gaggeeffamaa jiruun kan guyyaa har’aa dabalatee, hanga ammaatti qaamolee hawaasa gara garaa deeggarsa barbaadan kuma 300 fi kuma 41 fi 480 ta’aniif deeggarsi adda addaa taasifamuu himaniiru. Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015