Godina Shawaa Lixaatti Lafti Waggaa 10 Oliif Abbootii Qabeenyaan Qabamee Osoo Hin Misoomiin Hafe Harkaa Fuudhame

85

Ambo Ebla 07/2011 Godina Shawaa lixaatti lafti heektaarri 630 waggaa dheerraaf abbootii qabeenyaan qabamee osoo hin misoomiin hafe harkaa fuudhamuu isaa waajjirii Investimentii godinichaa beeksise.

Lafti kun baankii lafa mootummaatti deebi'uu kan danda'e abbootiin qabeenyaa kunneen misoomsuu dhisuu isaaniitiini jedhameera.

Waajjira Investimentii godina Shawaa lixaatti abbaan adeemsa Pirojektii Investimentii obbo Salamoon Taaddasaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti abbootiin qabeenyaa kunneen lafa kana akka misoomsaniif deeggarsi taasifamaafii turuu himaniiru.

Akeekachiifni dhumaa laatamuufis abbootiin qabeenyaa kunneen lafa kana misoomsuutti waan hin galleef  tarkaanfiin kun fudhatamuu isaas himaniiru.

Lafa kana akka deebisan kan taasifaman abbootti qabeenya biyya alaa irraa dhufan 3 yoo ta'an, godina Shawaa lixaa aanaa Daannoo, Tokkee Kuttaayee fi aanaa Amboo keessaatti misooma bosonaafi Qonnaaf jechuun lafa fudhatanidha jedhaniiru obbo Salamoon.

Dabalataanis aanaa Tokkee Kuttaayee, Ada'aa Bargaa fi Iluu Galaan keessatti abbootii qabeenyaa lafa heektaara 72 fudhatanii osoo hin misoomsiin hafaniif xalayaan akeekkachiisa dhumaa akka kennamuuf taasifamuu isaas himaniiru.

Godinichatti hoggannaan waajjira Itti fayyadama Lafaa Obbo Saahiluu Dirribsaa gama isaaniitiin lafti amma abbootii qabeenyaa irraa fudhame kun dargaggoota hojii hin qabneef kennama jedhaniiru.

Jiraataan aanaa Daannoo obbo Biiftuu Gaadisaa akka jedhanitti aanaa isaanii keessatti lafti osoo hin misoomiin jiru hedduu ta'uu himanii, tarkaanfiin amma mootummaan fudhatame kun itti fufiinsa qabaachuu akka qabu dubbataniiru.

Jiraataan aanaa Amboo obbo Barakat Mangistuus yadda kennaniin namoonni hojii dhaban hedduun iddoo jiranitti lafa fudhatanii misoomsuu dhiisuun ummata irratti dhiibbaa uumuu dha jedhaniiru.

Godina Shawaa Lixaatti abbootiin qabeenya 42 ta'an hojii misoomaa adda addaa irrati hirmaatanii hojii dhabdoota kuma 5 ta'aniif carraa hojii uumuu isaanii raggaan waajjira Investimentii godinichaa irraa argame ni mul’isa. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015