Doktar Abiy Ahmad ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajoota Waldiyaatti argaman daawwatan

80

Ebla 22/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajoota Kibbaa, Bahaa, 6ffaa fi 8ffaa Waldiyaatti argaman daawwataniiru.

Sagantaa daawwannaa Magaalaa Waldiyaatti gaggeeffamerratti miseensonni Raayyaa Ittisaa fi jiraattoonni naannichaa argamaniiru.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad miseensota hundaaf ergaa baga geessaanii dabarsaniiru.

Ityoophiyaan biyya Kiristiyaannii fi Islaamni jaalalaa fi tokkummaan barootaaf keessa jiraatan ta’uu eeruun, kunis madda eenyummaa ittiin boonnudha jedhan.

Itoophiyaan seenaa dubbatamu qofa osoo hin taane lafa misoomuu fi ummata misoomsu qabdi jechuun ibsaniiru.

Diinni cimina kana hubatee misooma biyyattii gufachiisuu fi tokkummaa jiru laamsheessuuf hojjechaa jiraachuu hubatamuu qaba jedhan.

Jibbaan Itoophiyaa moo'achuun kan hin danda'amne ta'uu hubachiisuun, qormaatilee fi gufuuleen heddummatanis guyyaa guyyaan jabaachaa deemna jedhan.

Utubaan Itoophiyaa jalqabas xumuras Raayyaa Ittisaa ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015