"Sochii walitti bu'iinsa naannolee biraatti babal'isuuf taasifamuuf mootummaan goonkumaa obsa hin qabu"

59

Finfinnee, Ebla 21/2014 (TOI) – Gochaa qaaneessaa magaalaa Goondaritti uumame iddoolee birootti babal’isuuf hojiin hojjetamaa jiru Amantaa Kiristiyaanaa birattis ta’e Islaamaa birratti fudhatama kan hin qabne ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Walitti bu'iinsa naannawaa Goondaritti mudateerraa ka'uun sochii walitti bu'iinsa naannolee biraatti babal'isuuf taasifamu kamiifuu mootummaan gonkumaa obsa kan hin qabne ta’uu Minitirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.

Tajaajilli kominikeeshinii mootummaa haala nageenyaa, dheessii deeggarsa namoomaa fi hojiilee misoomaarratti ibsa kenneera.

Tibbana taateen Magaalaa Goondaratti mudatee fudhatama kan hinqabne, gochaa qaanessaa ta’uu Dooktar Laggasaan eeraniiru.

Qaamoleen nageenyaa namoota gochaa kanarratti hirmaatan seeratti dhiyeessuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu fi shakkamtoonni hedduun to'atamuu himaniiru.

Gochaan kun daandii amantii akka qabaatu farreen nageenyaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sochiin gochaa badii raawwachuu naannawaa waraabeetti babal'ataa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hinqabne ta'uus dubbataniiru.

Daldaltoonni walitti bu'iinsaa fi finxaaleeyyiin sochii dhiiga dhangalaasuuf taasisan madaala kamiinuu fudhatama hin qabu jedhan.

Kanaafis, sochii walitti bu'iinsa naannolee biraatti babal'isuuf taasifamuuf mootummaan gonkumaa obsa hin qabuuf jechuun hubachiisaniiru.

Gama biraan hidhatttoota shaneerratti tarkaanfii fudhatamaa jiruun hidhattoonni garichaa hedduun barbadaa'uu Dooktar Laggasaan ibsaniiru.

Dhiyyeessiin deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiin dabalatee, lammiilee hongeen miidhamaniif dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhiyeessiin galtee qonnaa kan akka xaa'oo qonnaan bulaa akka dhaqqabuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015