''Kanneen uummata walitti buusuuf yaalii taasisaa jiran gochaa isaaniirra dhaabachuu qabu''

64

Ebla 20/2014(TOI) - Kanneen uummata walitti buusuuf yaalii taasisaa jiran gochaa isaaniirra dhaabachuu akka qaban Pirezidaantiin mara maree waliigalaa dhimmoota Isilaamaa Muftii Hajii Umar Idiris akeekkachiisan.

Ayyaan Iidaa bara kuma 1 fi 443 fi haala yeroo ilaalchisuun ibsa kan kennaan Muftii Hajii Umar Idiriis, oduu hin mirkaneefne facaasuun gochaa hawaasa walitti buusudha jedhaniiru.

Gochaan jiddu kana magaalaa Gondoritti raawwate gochaa fokkisaa amantaa kamiyyuu bakka hin buuneefi balaaleffatamuu kan qabudha jedhaniiru.

Qamooleen uummatatti dhiheenya qabaniifi dhageetti qaban gochaan ergaawwan gochaa kana babal'isuu danda'uu facaasuurratti bobba'aniiru kan jiran Muftii Hajii Umar Idiris ummanni waan dubbatame hundaa amanee fudhachuun dura waan jiru qorachuu akka qabu himaniiru.

Bakkeewwan rakkoon itti mudate qamoleen nageenyafi hogggantoonni mootummaa dirqama isaanii bahuurratti hanqina akka qaban eeruun, rakkichi akan caalaa osoo hin babal'atiin ciminaan hojjechuun barbaachisadha jedhaniiru.

Manni maree waliigala dhimmoota Islaamaa koree hundeesuufi bakka rakkoon itti mudatee kanatti argamee rakkichi akka furamuuf yaalii ni taasisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015