Ayyaanni bara haaraa Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan har'a Magaalaa Hawaasaa Gudumaaleetti kabajamuu eegala.

144

Ebla 20/2014(TOI) - Ayyaan bara jijjirra haaraa saba Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan har'a Magaalaa Hawaasaa Gudumaaleetti haala ho'aa ta'een kabajamuu ni eegala.

Ayyaana addabaabayitti kabajamu kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa, Naannoleefi Jaarsooliin biyyaa,dargaggoonnifi keessummoonni biroon bakka adda addaarra irratti ni hirmaatu jedhameera.

Ayyaana kana Ebila 20 hanga 21 simpooziyeemiifi sagantaawwan biroon kabajuuf qophiin taasifamuus himameera.

Ayyaana bara haaraa Saba Sidaamaa wagga waggaan kabajamu Fiichee Cambalaalaa kana hawaasatti aansuun magaalaa Finfinneettis kabajuuf yaadamaa jiraachuus himameera.

Ayyaanni bara haaraa Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan waggaa torba dura UNESCO tti hambaa Kilayaa ta'ee galmaa'uun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015