Jilli ministira Turizimii ambaasaaddar Naasisee Caaliin durfamu daawwanna hojii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baaleetti taasisaa jira.

74

Ebla 19/2014(TOI) - Jilli ministira Turizimii ambaasaaddar Naasisee Caaliin durfamu daawwanna hojii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baaleetti adeemsisaa jira.

Daawwanna kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi Oromiyaa argamaniiru.

Jiilli kun turtii guyyaa lamaaf Baaleetti taasisuun qoodaa guddina dinagdee fi kanneen biroo keessaatti Paarkiin Biyyalessaa Gaarreen Baalee qabu hubachuun,rakkoolee nam-tolchee paarkicharra gahaa jiru kallattii itti furmaata argaturratti hawaasa naannoo waliin marii ni taasisaa.

Paarkiin Biyyaleessa Gaarreen Baalee hamba qabeenya addunyaa tahuuf yeroof galmaahuun ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015