Yuunivarsiitiin Walloo lammilee qe'ee isaanirra buqqa'aaniif deeggarsa meeshalee adda addaa birrii miiliyoona 2 baasu taasise.

95

Ebla 19/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Walloo lammilee bulchiinsa sablammii Wagimiraatti garee shororkeessaa ABUT tiin qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'aniif deeggarsa meeshaalee adda addaa birrii miiliyoona 2 ol baasu taasise.

Deeggarsa kana keessas daakuu kumtaala 300, Firaashii 300 akkasuma meeshalee ittiin nyaata bulcheeffatan adda addaa kan of keessaa qabu ta'uu yuunivarsiitichatti itti aantuu pireezidaantii Misooma dinagee fi qunnamtii idil addunyaa doktar Atsadee Tafarraa yeroo deeggarsa kana dabarsanii qaama dhimmi ilaallatuutti kennan dubbataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT qabeenya Yuunivarsiitichaa birrii biiliyoona 10 tilmamaamu kaan mancaasee kaan immoo saamuu himaniiru.Hojii Yuunivarsiiticha deebisanii dhaabuuf hojjetamu cinaatti lammilee qe'eefi qabeenya isaaniirra buqqa'anii rakkoo cimaaf saaxilamaniifis deeggarsa namoomaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan bulchiinsa godina sablammii Wagimiiraattis lammilee qe'ee isaanirra buqqa'anii rakkoof saaxilamaniif deeggarsa meeshaalee adda addaa birrii miiliyoona 2 baasu taasisuu himaniiru.

Yuunivarsiitichi gara fuula duraattis lammileen kunneen haga gara qe'ee isaanitti deebi'anii dhaabbatanitti deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf doktar Atsadeen himaniiru.

Itti gafaataman Wajjira ittisa sodaa balaafi wabii midhaan nyaataa bulchiinsa godina Wagimiraa obbo Salamoon Nugusuu akka himanitti godinichatti sababa garee shororkeessaa ABUT tiin lammileen kuma 80 ta'an qe'ee isaanirra buqqa'anii jiddugala dahannoo fi mana hawaasaatti dahatanii akka jiran himaniiru.

Lammilee kanneen mootummaafi dhaabbileen gargaarsa deeggarsa namoomaa adda addaa taasisafii kan jiran ta'uus sababa baay'inna isaaniirra kan ka'ee hanqinni midhaan nyaataafi meeshalee adda addaa akka jiru himaniiru.

Yuunivarsiitiin Walloo miidhaa isarra gahe damdamachuun deeggarsa lammilee kanaaf taasiseefis galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015