Heeliikooptariin Keeniyaarraa Dhufe Ibidda Paarkii Kaabaa Gubaa Jiru Dhaamsuu Jalqabe

91

Gondar Ebla 6/2011 Ibidda paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaa gubaa jiru to'achuuf kan gargaaru heeliikooptariin Keeniyaarraa dhufe tokko hojii jalqabe.

Itti gaafatamaan waajjira paarkichaa obbo Ababawu azaanaawu akka ibsanitti, deeggarsa Heeliikooptarii Keeniyaarraa argame tokkoon  ibidda dhaamsuun kan jalqabame har'a waarree dura sa'aatii 4 fi walakkaa irratti dha.

Heeliikooptarichi al tokkotti bishaan liitira kuma lama qabachuu akka danda'u dubbataniiru.

Ibiddichi paarkii kanarratti  mudate bineeldota hoosisanii fi Waaliyootarratti miidhaa akka hin geessifne himaniiru.

Obbo Ababaan"nyaata sardiidaa diimaa kan ta'e hantuutaa fi fakkaattiisaa irratti miidhaan waan qaqqabeef nyaatasaaniirratti rakkoo ni uuma" jedhaniiru.

Ogeeyyonni Israa'eel yaala jalqaba kennan lamaa fi ibidda kan dhaamsan saddet bakka paarkiin kun itti argamu ga'uunsaanii beekameera.

Ibiddi paarkii kana qabate amma ammaatti lafa heektaara 700 irratti miidhaa geessisuunsaas beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015