‘'Deeggarsi mana kitaabaa 'Abirihootiif' taasifamu deeggarsa Itoophiyaaf taasifamudha''.

64

Ebla 18/2014(TOI) - ‘'Deeggarsi mana kitaabaa 'Abirihootiif' taasifamu deeggarsa mana kitaabaaf taasifamu osoo hin taane deeggarsa Itoophiyaaf taasifamu ta'uu hoji geggeessaan olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa obbo Seefaa Darribee himan.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa mana kitaabaa 'Abirihootiif' sagantaa kitaaboota deeggarsaan walitti qabuu har'a jalqabeera.Sagantaa kana hojii geggeessaan olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa Obbo Seefaa Darribee jalqabsiisaniiru.

Akka obbo Seefaa Dirribee deeggarsa kitabaa walitti qabuu mana kitaabaa Abirihootiif taasifamu kana adda kan taasisu deeggarsa mana kitaabaa guddaa Itoophiyaafi Afrikaaf taasifamu taasifamu ta'uudha jedhaniiru.

Aadaa kitaaba dubbisuu dhabamuun dhaloota baay'ee miidheera kan jedhan obbo Seefaan, deeggarsi kitaabootaa mana kitaabaa Abirihootiif taasifamu mana kitaabichaaf osoo hin taane deeggarsa Itoophiyaaf taasifamudha jedhaniiru.

Dargaggoota boru biyya ijaaran beekumsaan ijaaruuf TOI gaheesaa bahuuf kitaaboota mana kitaabichaaf deeggarsaan walitti qabuun magaalaa Finfinnee keessaatti qofaa osoo hin taane dameewwan Tajaajila Oduu Itoophiyaa 36 fi naannolee hundaatti kan geggeeffamudha jedhaniiru.

Sagantaa deeggarsa kitaaboota walitti qabuu har'a jalqabamee kanaan nunis dubbisuuf carraa kan argannu waan ta'eef deeggartoonni dhaabbatichaa deeggarsa gama kanaan taasisan akka itti fufan gaafataniiru.

Karaa TOI deeggarsi kitaaboota walitti qabuu torban guutuu kan hojjetamu yoo ta'u, hojjetoota dhaabbatichaafi deeggartoota isaan ni raawwatama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015