Hawaasni Naannawasaa Qulqulleessuu Cinaatti Ilaalcha Jibbiinsaa Dhabamsiisuuf Wal Ta'uu Qaba-- Pirezidaanti Lammaa Magarsaa

92

Adaamaa Ebla  6/2011 Hawaasni naannawasaa qulqulleessuun cinaatti ilaalchaa fi jechoota  jibbiinsaa dhabamsiisuuf wal ta'uu akka qabu pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa hubachiisan.

Mata dure "naannawa keenya qulqulleessuudhaan ilaalcha jibbiinsaa haa dhabamsiifnu" jedhuun har'a sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Adaamaatti duulli qulqullinaa jalqabameera.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa saganticha wayita jalqabsiisan " balfa naannawa keenya jiru qulqulleessuun cinaatti sammuu jibbiinsaan xuraa'e qulqulleessuu qabna" jedhaniiru.

"Balfi naannawa faala, ni balleessa," kan jedhan pirezidaanti Lammaan, jechi fi ilaalchii jibbiinsaa wal kabaja fi wal danda'uu ummataa suuta suuta hmbisuudhaan badii fi mancaatiif akka saaxilu dubbataniiru.

"Ummanni Oromoos ta'e sabaa fi sab lammoonni naannicha keessa jiraatan tokko ta'uun magaalaa Adaamaas ta'e naannicha balfarraa qulqulleessuuf duula jalqaban ilaalchota duubatti harkisannii fi gochoota diiggaa ta'an dhabamsiisuudhaan  dabaluu qabu" jedhaniiru.

Ummanni sochiiwwan balleessii amma mul'achaa jiran irratti qabsaa'uudhaan jijjiirama akka biyyaatti jalqabame galma akka ga'u tokko ta'ee socho'uu akka qabu hubachiisaniiru.

Dargaggoonnii fi Qeerroowwan naannichaa hundi injifannoo siyaasaa rgame misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaariitiin dabaluuf qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru.

Bulchiinsa gaarii lallabuudhaaf kan gargaaru duulli qulqullinaa har'a kutaa biyyattii hundatti akka adeemsifamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kana dura ifa gochuunsaanii ni beekama.

Ergaa "sanyummaan xuraa'ina, haa gubnu, haa awwaallu" jedhuun qarqaraa amma qarqaraatti waliin dhageessisuudhaanni hojiin kun kan adeemsifamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015