Ramaddiin barattoota Dhaabbiilee Barnoota olaanoo ifoome. - ENA Afaan Oromoo
Ramaddiin barattoota Dhaabbiilee Barnoota olaanoo ifoome.
Ebla 17/2014(TOI) - Qormaata seensa Yuunvarsiitii bara 2013 fudhatanii Yuunvaarsiitii Mootummaaf barattoota qabxii darbiinsaa fidaniif ramaddiin taasifamuu Ministeerri Barnoota beeksise.
Haaluma kanaan barattoonni guyyaa har’aa irraa eegalee gama marsaritii https://result.ethernet.edu.et, ergaa gabaabaa 9444 akkasumas Teeleegiraamii @moestudentbot ramaddii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Barattoonni ramaddii waliin walqabatee gaaffii qaban kamiyyuu gama marsaritii https://complaint.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uunis himameera.
Yuunvarsiitiiwwan hanga baatii Ebla 24 bara 2014tti qophii barbaachisaa taasisuun sagantaa simannaa barattoota haaraa kan taasisan waan ta’eef, barattoonni gamanumaan qophii barbaachisaa akka taasisan dhaameera.